“TOKKUMMAAN” DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU!!!! [Kutaa 1ffaa]

Bitootessa 25, 2014 | SEENA Y.G(2005)

Tokkummaa Ilmaan Oromoo bakkayyutti hawwanii fi Tokkummaan addunyaan itti jirtu, hiikkaansaa tokko moo, garaagarummaa qaba laata? Adeemsa Qabsoo Biyyootaa fi saboota addunyaa keenya irra jiranii, Tokkummaan Qabsoo isaaniif hawwaa turan/jiranii fi nuuti amma bakka marattu akka dhaadannotti itti dhimma ba’aa jirru, tokko moo walii faallaadha? gaaffii kana kaasuuf kan dirqisiise, Qabsoo Oromoo hudhee kan takaalee jiru, tokkummaa dhabuu keenyadha!! namoonni jedhan heddummaachuu fi hawwii tokkummaaf qaban, bakka hundatti akka dhaadannotti, akka yaadaatti, akka hawwiitti, wal ga’ii irratti, hiriira irratti, Intarneeta irratti aarii fi  gaddaan guutamanii yennaa dubbatanii fi kataban arguu fi dhaga’uu  koo irraati. Akka kiyyatti Tokkummaan yaada walii galaa of keessaa qabu Ummata tokkof barbaachisaa ta’us, Qabsoo keenyaaf dhibeen tokkummaa nuuti hawwinu odoo hin taanee, yk Tokkummaa yaada Ilmaan Oromoo keessa jiru odoo hin taane, Tokkummaa yeroo qabsoo nu barbaachisu wallaaluu keenyadhaan jedha. Tokkummaan amma hawwaa jirru, Tokkummaa Bilisummaan booda ittiin jiraannu malee, kan yeroo Qabsoo keenya kanaatti nu barbaachisu miti. Miti kanan jedheef dhugeessuun hedduu ulfaataa ta’uu isaa irraati. Qalbiin haa wal hubannu. Gadi fageessinee haa yaannu. Miira ho’aan odoo hin taanee, miira tasgabbaa’een itti haa yaannu. Kun waan salphaa miti. Waan Ummati tokko irratti wal hubachuu qabudha. Bakka dhibee yk dhibee jiru adda yoo hin baasiin dawaan hin argamu waan ta’eef.

Tokkummaan nu barbaachisu maal irratti? Tokkummaa nuuti barbaannu isa kam? Tokkummaa Bara Abbaa Biyyaa turreeti? Tokkummaa Bara Gadaan tureetii? Tokkummaa Dhiigaatii? Tokkummaa Siyaasaatii? Tokkummaa Ummataati? Tokkummaa Dhaabbilee Siyaasaatii? Tokkummaa Sabummaatii? Tokkummaa yaadaatii? Tokkummaa ejjannoo Siyaasaatii? Tokkummaa Qabsootii? Tokkummaa Ilaalchaatii?? Tokkummaa jireenya hawaasummaatii? Tokkummaa Amantii fi Gandummaa dhiifnee waliin jiraannudhaa? Tokkummaa maalii barbaanna? Tokkummaa Bilisummaa dura Qabsoo keenyaaf barbaachisu moo, kan Bilisummaan boodaati? Tokkummaa hawaasa alaati moo Biyya keessaati. Isa kamtu tokkummaa dhabe? maaliif dhabe? Biyya keessatti diinni waan itti jabaateefi? Biyya alaa dhaqee, jireenyaaf fiigu irraati?Tokkummaa kana eenyutu dhugoomsa? eenyu irraa eegala? yoom eegalama? maaf hanga har’atti furmaata dhabe? Tokkummaa nuuti hawwiinuu fi addunyaan itti jirtu maaliin adda ta’anii, isaan itti milkaa’anii nuuti hankaaknee hafne? gaaffii hedduu tarrisuutu danda’ama. Tokkumuu keenya irraa maal arganna? tokkummaadhaan maal raawwanna?? qabsootti galagallaa?……Tokkummaan garaagarummaa maalii qabaa? jechuun keessan hin hafu.ykn kan jedhee gaaffii kaasu hin dhibu. Ani garuu gadi jabeessee kan dubbachuu barbaadu  garaagarummaa guddaa qabaachuu isaati. Kana ragaa fi muuxannoo Addunyaa keenya irraa fi kanneen biroon wal bira qabnee ilaalla.
Akka kiyyatti, yeroo Gabrummaa jala jirru ykn Qabsoo keessa jirru kanatti, tokkummaan nu barbaachisu isa kam akka ta’ee yoo hin hubatiin, tarii tokkummaa dhabuu keenya itti fufsiifna malee, furmaata hin argamsiifnun jedha. Waan Tokkummaa keenya diigu akka gaaraatti mana nu keessatti ijaarratee odoo jiru, waan amma gaaraa ga’u kun ammo, hawwii fi dhaadannoon gonkumaa baduu akka hin dandeenye argaa jirra. Dhalooti tokko yk lama waan itti gaddaa jiraatee fi inni har’aas keessa gangalataa jiruudha. Kanaafii, Tokkummaa nu barbaachisu adda baafannee irratti yoo hin hojjatiin, waan dura hojjatamuu qabuu fi duuba hojjatamu adda odoo hin baafannee sochiin taasifnu, dadhabbii bara gabrummaa keessa dabarree dabaluu qofaa ta’a kanan jedheef. Akkaataa Tokkummaa itti deeffachuuf tattaaffachaa jirru, Tokkummaa Uruursaa jirra malee, dhibee keessaa baasaa hin jirru. Tokkummaa dhibeen hin qabamne, garuu dhibee qabsiifnee Uruursaa jirra. Kan dhibee qabu, warra tokkummaa hawwuu fi dhaadannoon yaadatu malee, Tokkummaan hawwinu dhibee qabaatee miti. Hiikkaan tokkummaa bara gadaa ture, har’as hin jallanne. Tokkummaan nuuti feenu kan addunyaa irraa adda isa taasisu tokko isa kana. Waan namoonni keenya irra jireessi hin hubatiin, bakka Tokkummaa nu hin barbaachifnetti Tokkummaaf iyyinee yoo waamne, bu’aa isaa irra balaan isaa hammaataa ta’uu fi injifannoo booda deeffachuu waan dandeenyutti yeroo gabuu keenya hubachuu dhabuu isaaniiti. Siyaasa keessatti tokkummaa dhabuun bakka itti nama gargaaru jira. Yoo xiqqaate miidhaa tokkummaa dhabuu ittiin wal barsiisuuf nama gargaara. Ummati tokkummaa dhabuu irraa maal akka miidhaman hubachiisuuf yeroo laachuun dansaadha. Kana jechuun beekaa kana hojjatu jechuu miti. Haalumatuu kana uuma. Yaada kana irratti yeroo biraa itti deebina.
TOKKUMMAA NUUTI BARBAANNU ISA KAM??
Akka Ummataatti yoo ilaallee, Ummata miliyoona 45 waa hundaan tokko haa ta’u jadhanii yaaduun mataa isaa madda rakkooti. Tokkummaa bara Abbaa Biyyaa turre ykn Bara Gadaan jiraatamaa ture hawwiina yoo ta’ee, kun yeroo isaa miti. Kana deeffachuuf dhaloota akka Bara Gadaa sanaatti guddisan malee, waan ta’u hin fakaatu. Waan qabatamaa irratti haasofnaa hubadhaa . waan hawwiinu miti. Kun tarii Bilisummaa booda waan feene akka feenetti wayita gaggeessinu ta’a. warruma har’a Hafteen gadaa keessatti mul’ataa jiran, Booranni, Warri Maccaa, Tuulamaa fi kkf. Gadaan bulaa jiranillee, walitti deemaa hin jiran. Dhalootaaf akka dabru garuu tattaaffii mataa isaanii gochaa jiru. beektoonni keenya garuu Gadaa kana dubbachuu malee, Gadaan kun sirna/bara hammayyaa kana keessa akkamiin akka ol guddatee Muuxannoo addunyaa horatee, Ummata isaa akka jiraachiisuu fi ummatis itti jiraatu danda’u irratti hojjachaa kan jiran natti hin fakkaatu. Har’allee Gadaan Ameerikaa addunyaa irraa Hangafa ishee taasise, Hayyoota keenyaa fi Abbootii gadaa keenya, Uffata aadaa Uffatanii bakkayyuutti Afeeramuun alatti, akka yaadaa fi sirnaatti akka socha’an gargaaramaa hin jiran. Tokkummaan bara Sanaa har’a irra dhaabbannee hawwuun bu’aa hin qabu. Deeffachuufis waan humnaa oliti. gabaabaatti, lafa qotanii odoo hin meesiin, midhaan hin facaasan. Mana utubaa fi dagalee malee hin ijaaran waan ta’eef.
kana booda kan jiru yoo ilaallee, Bara Gabrummaatii. Bara Gabrummaa kana keessa, utubaa Tokkummaa keenyaa kannen ta’an dhabneerra. Aadaa, safuu, hooda, jiruu fi jireenya kkf hundee Tokkummaa Ummata keenyaa kanneen ta’an akka malee dhabneerra. Har’a kan keessa jirruu fi nu keessa jiru, keenyaa miti. Jiruu fi jireenyi keenya hundumtuu waan halgaan nu diiguuf nu keessa kaa’eedha. Tokkummaa keenyaaf summii inni guddaa isa kana. Summii guddaa kana odoo of keessaa hin baasiin Tokkummaa hawwiinu, dhaadannoon irra deddeebinu, gonkumaa dhugoomsuu hin dandeenyu. Hawaasi keenya har’a waan inni keessa jiru, waan xaxamaadha. Waan wal keessa laaqamee miillaa fi mataa isaa illee adda baasuuf nama rakkisuudha. Sababaa kanaan Oromoon har’a bakka meeqa dhaabbatee jira? Oromoo yaadaa fi ilaalchaan bakka dhibba dhaabbatee jiru kanaaf, Tokkummaan amma waaqaa irraa fagaata. Aadaan jiruu fi jireenyaa, keessa jirru walii keenya giddutti summii kan facaasu malee, kan waliin nu jiraachisuu miti. Jiruu fi jireenyi addunyaa keenyaa fi warri addunyaa kana tu’achuuf tattaafatan Ummata addunyaa kana raatessanii akka waa tokkoo hin yaanneef ofittummaan cuubanii itti taphachaa bakka jiranitti, Tokkummaa habjuu keessaa waliif hawwuun wal gawwamsuu natti fakkaata. Hawaasa yk nama maraammartoo kana keessa jiru akkamiin Tokkummaa labsaniif? waan wal xaxaa kana keessa isaaf labsuumoo, isa hubate qabatanii diina dhaanuutu yeroo nu gabaabsa? Tokkummaa dhalli Oromoo keessa isaatti hawwu yeroon isaa fagoodha.
Sirnoonni gabrummaa keessa nu jiraachisan, Tokkummaa nu keessa jiru nu keessaa duguuganii baasutti milkaa’aniiru. Tokkummaa wareegama ykn of kennuu barbaachisu nu keessaa fuudhanii, kan dantaan gegeddaramu nu keessa kaa’aniin sochaa’a jirra. Kanaaf ragaan, hanga har’atti tokkummaatti mikaa’uu dhabuu keenyadha. kanaafan, Tokkummaan keessa keenya jiru dhibee qabsoo kanaa ykn qabsoo takaalee kan qabe mitii kanan jedheef. Tokkummaa bara qabsoo keessa nu barbaachisu wallaaluun keenya nu miidhaa jira.  Keessi keenya Tokkummaa dhugeessuuf, Ulaagaa Tokkummaan barbaaduuf qophiidhaa? Tokkummaan ofittummaaf diina. Ofittummaanis Tokkummaaf diina. Of-tuulummaan Tokkummaaf diina . Tokkummaanis of- tuulummaaf diinadha. Waan waliif faallaa ta’e kanaan bulaa tokkummaa isa durii miti, isa yaadaan wal ta’uu illee dhugeessuu hin dandeenyu. Kana irratti gadi jabeessinee hojjachuu qabna. Kanaaf akka hiriyyaa wal hin amannee malkaa buunetti wal kaksiifna . kun jiraannaan Tokkummaan abadanii !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!
Mee fakkeenyaan haa ilaallu. mee, Nama Sirna Gadaa  akka gaaritti beekuNama Aadaa Oromoo akka dansaatti beeku, Nama Seenaa Oromoo beeku malee ittin hin jiraanne tokko, beektoota waan Oromoon qabuun Faranjiin isa eebbisee tokko, Nama jireenya isaaf akka malee fiigu tokko, Qabsaa’aa Qabsootti jiru tokko, Namoota Amantii leellisan keessaa tokko, Nama Amantii isaa jaallatuu fi dhimma Oromoof dursa kennu tokko, Nama waan Amantiin addunyaa isa barsiiftu itti amanee dhufaatii saba isaayyuu galaana ceesisu tokko, dhaloota qubee tokko, Daldalaa tokko, Sooressa tokko, Abbaa Qabeenyaa bara kana keessa tujaare tokko, Oromoo Angoon isa moote wayyaanee waliin jiru tokko, Nama waa’een siyaasaa hin galleef tokko, nama waan addunyaa kanaaf dhimma hin qabaanne tokko, har’a jiraachuun isaa fi guyyaa har’aa buluun isaaf Bilisummaa itti fakkaatu tokko, qotee bulaa tokko, nama waggaa dheeraa Biyya alaa jiraate, Nama waan hundaatti of eegannoo fi sagantaan deemu tokko akkasumas, nama bakka itti dhiheetti buluu fi waan hundaaf dantaa hin qabne, nama jireenya isaa fi maatii isaan ala jiraniif naasu hin qabne, Nama barnootaan guddaa fi dhimma addunyaa keessatti qooda qabu, Nama Biyyoota gurguddatan keessatti qooda ol aanaa qabu, Nama Siyaasa addunyaa fi Biyyoota adda addaa keessatti qooda qaban, Nama sadarkaan beekumsa isaa yunivarsitii addunyaa keenya irraa bebbeekamoo keessa jiru, Nama guyyuu dhimma ummata isaaf ifaajju yk Ummata isaa addunyaatti beeksisuuf gama hundaan tattaafatu, Nama Qabsoo keessaa gane, kan Angoof bololu, basaastuu diinaa, Qabsaa’aa kan fakkaatu, Sabboonaa fi fakkeessa ………..kkf. walitti fidaatii,, mee Waan TOKKUMMAA yaadaa. Maaliin tokko ta’uu danda’u? waan Oromoon keessa jiru kana irra hedduu bal’aadha.
Tokkummaan asi keessatti isaaniif hawwinu isa kam? Oromoo ta’uu isaaniitii? amma har’aatti Oromoo sabummaa isaa ganee, halagattii of himatu argee hin beeku. kan diina jala goru jira. Tokkummaa amma nu barbaachisuuf akkamiin jara kana wal faana akka dhaabbatan taasisuu dandeenya? Tokkummaa keessa keenyattii hawwinuuf haalli keessa jiran ni mijataa? haalli keessa jiran Tokkummaa nuuti barbaannuuf gufuu taanaan, filannoon keenya maal ta’uu qaba?? ati kana dhiisii asi kottu. Ati ammo kanatti deebi’i. maaloo kana godhaa jennee imimmaan cobsinaafii? keessa keenyaa itti gadduu ibsinaafii? kkf  akkamiin isaan tokkomsuu dandeenya? gubbaatti akkuman kaase, Tokkummaa bara GADAA Namoota kana giddutti deebifna jechuun habjuudha. Isa Bilisummaa boodaa dhiifnee waan keessa jirruuf yaa yaannutii, Qabsoo keenyaaf Tokkummaa nu barbaachisa yoo jennu , jara kana akkamiin hiriirfachuu dandeenya?  amma isaaniif galutti eegnaa? isaan tokkummaa kana keessatti makaman malee Bilisummaan hin jirutti fudhannaa?akkam goona?
Tokko jennee Tokkomsuuf aadaa barsiifnaa? Oromummaa barsiifnaa? …Amantii isa danqe dhiisifnaa? Ofittummaa baqaqisinee keessaa fuunaa? diina biraa ba’ii jennaanii? akka walii galaatti mraammartoo akkasiin lammiin keenya adda fagaatee jiraa akkamiin Tokkummaa keessa keenyaa dhugeessina? kun gaaffii guddaa, qorannoo bal’aa kan barbaaduudha. Qorannoo qofaa odoo hin taanee, furmaata isaallee qopheessanii kan irratti hojjatanii Ummata Ofii furaniidha. Wanni amma keessa jirru kanaan tokko. kana ta’uutu hawwiin qofaa dhaadannoo nu dhageesisa. Fuullee waliitti dubbannee karaa wareegamaan asi ga’e, kaayyoo har’allee jireenyi fi lubbuun itti badaa jiru karaa irra haa buufnu. Ummata miliyoona 45 Tokkomee malee Bilisummaan hin jiru jennee, hamilee wal buufana yoo ta’ee,, addunyaan akkamiin qabsaa’oota muratoo muraasaan Bilisummaa isaanii labsatan? Afriikaa Kibbaa kan kanaan ga’ee ANCn gaaffii akkasiin takaalameeraa? Sudaan Kibaa woo? Ertiraanoo? bara qabsoo isaanii Mormitoonni har’a jiran bara sanas ni jiru. tokkummaa dhabuu isaaniin Bilisummaa dhabaniiru? akkamiin rakkoo wal fakkaataa kana irra aanan?
KUTAA 2FFAATTI  itti deebina. HORAA BULAA !!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment