MARAAMMARTOO SIYAASAA IRRAA OF TIKISAA !! [Kutaa 1ffaa]

Guraandhala 24, 2014  | Seenaa Y.G(2005)

Ummati mirgi isaa dhiibame yk xuqame mirga isaa kabachiisuuf falmachuun ykn mormuun yk diddaa isaa mul’ifachuun mirga. Dirqamas. Mormii fi diddaan kun garuu, Ajandaa qaama biraa yk diinni qalbii keenya gara dabarsuuf yk waan keessa jirru hubachuuf waa tokko uumuu isaa irraa qofaan kaanee, waan yaannu hundaa irra buufannee, yaada diinaa sanas fashalsinee qofaa kan manatti gallu yoo taate, MARAAMMARTOO DIINAA nuuf kiyyeesse keessa seennee jiraachuu keenya hubachuu qabna. Diinni maraammartoo siyaasaa kan namaa qopheessuuf, joonja’anii akka kufaniif. Kana ragaadhaan deeggaruun barbaada.

“Dursa kaayyoo barruu kanaan kaa’a.”


Qabxiilee Maraammartoo siyaasaa jedhee dhiheessuuf deemu kana irratti, diddaan Ummati OROMOO Biyya keessaa fi alatti gaggeesse guutummaatti deeggaruu qofaa mitii, gama hundaan amma mirgi keenya kabajamutti akka itti fufu qabuttan amana. Kun ta’uuf ammo, waan amma itti jirru fi nu irratti ta’aa jiran caalaa waan har’a gamtaan dhaabbannee falmachuu qabnu akkuma jiru, waan dhaloota itti guddisaa deemnullee jiraachuu beekuun barbaachisaadha jedhee yaadu irraati. diddaa torban tokkotti xumuramtun odoo hin taanee, sagantaa bal’aa,  ykn qophii bal’aa yk adeemsa dhalootaallee kan nu gaafatu, diina bara eeggatee nutti ka’us ta’e, nutti ka’ee jiru hundeetii buqqisuun alatti, filmaati biraa akka hin jirree jala muruu qabna. diina uruursu irraa bu’aan argannee, waggaa 150 boodas tuffatamuu keenyadha. Miniiliikiis ta’ee H/Sillaasee kan nu irratti faarfachuuf yaalaa jiran, siidaan isaanii akka dachee keenya irra dhaabbatee jiraatu hayyamuu keenyadha. sochii akka dungoo bakka muraasaatti iftuun odoo hin taanee, sochii akka ifa aduu bal’atutti ce’uu akka nu barbaachisu hubachuun dansaadha. Yoo dhalooti har’aa ykn dhalli Oromoo Addunyaa kana irra jiru furmaata buqqaasaa hin umiinitti, faarfachuunis, salphifamuunis, arrabsamuunis itti fufa. Dhalooti itti aanus bakkuma nuuti dhiitaa turre dhiitaa akka jiraatu taasiisu ta’a. kana geeddaruuf, Maraammartoo siyaasaa diinni nu kiyyeesseen odoo hin taane, galii fi ejjannaa keenya ta’uu hubannee irratti hojjachuu qofaan xumura dubbii itti gochuu dandeenya.
=Qabxiilee ka’umsaa.
  1. Baddallee Biiraan Dogoggora seenaan Namaa hin dhiifne hojjachuu yaaluu isaa irraa, ejjannoo Ummata Oromoo keessa deebii hin qabneen yaadi isaa naafatee hafeera. Naafachuun isaa itti deebi’uu dhabuu isaa hin mirkaneessu. Garuu Kana irraas barachuu qaba. Ummati Biyya keessaa fi alatti sochin taasise garuu kan nama boonsuudha.
  2. Namichi mankaraarsituu Amaaraa tokko Intarneetaa fi midiyaa deeggartoota isaa irratti, Biyyi Oromiyaa jedhamtu hin jirtu, Oromoon bakka biraa dhufee qubate malee Biyyi kan isaa miti fi kkf jechuu isaan, mormiin abbootii dhimmaa irraa kannameef ammas boonsaadha. Dheekkamsi ilmaan Oromoo kan isaan rifaasisee fi adeemsa namichaa kanneen morman, (saboota biraa keessaa) danuudha. Bakka nu hin bu’u kan jedhan illee ni jiran. Kun of-tuultoota amaaraa keessaati. Deemee deemee miniliikiin faarsa.
  3. Qabxii lammaffaa kanatti aanee ammo, Namichi Ani kibbaa ofiin jedhuu fi beekumsan qaba jedhu tokko, miniiliik lammiilee Oromoo harkaa fi harma hin murree. Kan kana raawwate Oromoodhaa . walaayittaa fi kanneen biroo irratti Oromootu waan kana raawwatee jedhee, beektoota keenya amma danda’u arraabse.Ummata Oromoos miniiliiki godhee lafa kaa’ee.
  4. Baatii Hagayyaa 2013 keessas, Nama Affaaritti of himatu tokko, sochii qabsoo Oromoo irraa yaaddoo akka qabu, Qabsaa’oota keenya yakkamaa taasisuu kan barbaadu, Ilmaan Oromoo jechuma Itoophiyaa jedhamu balfachaa jiru fi Biyyattii sanaaf yaaddoo guddoon Oromoo ta’uu kaa’ee, sirna Fedaraalizimii kan deeggaru fakkaatee Tokkummaa isa durii kan dheebootu dubbifneerra.kunis ijaarsa miniiliik hin balaaleeffanne. Itoophiyaaf bo’a.
  5. Wayyaaneen Ajandaan, Lammiileen Somaalee Itoophiyummaa malee kan biraa hin barbaannu jedhanii jedhee karaa miidiyaa isaa bara 2013 hololaa jiruun cinatti, jaruma kana maqaa liyyuu haayil jedhuun hidhachiisee obbolaa keenya fixaa jiraachuu fi adeemsi isaa kun eenyu irratti akka qiyyaafatu hubachuun nama hin rakkisu.
  6. Maqaa Saboota biroonis itti fufun isaa dhakkii hin qabu.
Mee qabxiilee kana irratti qofaa Maraammartoo haa ilaallu. Qabxiileen Arfan waanuma baatiilee 3 asitti walitti aananii mul’ataniidha. Arfanuu adeemsi isaanii fi fedhiin isaanii tokkuma. Yaadi isaanii ykn kaayyoon yaada isaanii tokkodha. Garuu bakka shanii waa tokko irratti kaasuuf qiyyaafatame. Asi keessatti qaamni irratti qiyyaafatame Oromoo fi kaayyoo isaati. Warri irratti akka qiyyaafataniif irratti hojjatamaa jiran ammo, saboota shan  fakkeessuuf yaalame. kun maaliif barbaachise ? kana hubachuun rakkisaa natti hin fakkaatu. Maraammartoo diinni nu qopheesse ta’uu kan mirkaneessu isa kana. Affaar, Amaara, Ogaadeen, Walaayittaa ykn Ummattooti kibbaa wal=ta’anii waan kana shiru jedhee hin yaadu. sababaan warri gaaffii wal irraa qabu akkamiin waliin dhaabbatu? diinni duris, ammaas anaaf tokkuma. diinuma. dura dhaabbatuun barbaachisaadha. garuu waan nu irratti raawwatame kun murtee akkamii, tarkaanfii akkamii barbaadu? jedhanii kaasanii yeroo kennanii waan keessa deebii hin qabne, diinnis irraa baratu laachuutu irra caalaan jedheen amana. Sababaan, Mormii fi diddaan har’aa diina rifaasiseera. Garuu diinni nu dhabamsiisuu isaatti dhaadatuuf deebii gadi isa teesisu waan hin taanefidha. bara baraan waan miniliik raawwateen xuxxuqamu qabnaa? hammeenya isaa kana yaadachaa jiraachuun carraa keenyaa? waan isa nu yaadachiisu maaliif itti yaannee hin dhabamsiifnu? waan furmaata nu ta’u itti yaannee maaliif ajandaa kana of irraa cufuuf hin hojjannu?
Mee ilaalaa … Baddallee Biiraan waan yaadetti tarkaanfii gama hundaa fudhatamuun sababaan,“miniiliik kaleessa Ummata keenya harkaa fi harma muruu fi ajjeechaa jumlaa raawwate nu irratti hin faarsitaniidha” !!!!!!!! mitii???????? hayyee dansaa. wayyaanee waggaa 20 oliif miidiyaa isaan Tewudiroos, Yohaannis, Miniliik, H/Sillaasee faarsaa fi dhaadheessaa jiran maaliif callifnee ilaallaree? isaaniif hayyamne jechuudhaa? kanaafan Maraammartoo siyaasaa keessa seennee akka hin miidhamne jedhe. Kan irratti akka naaf hubattan kanan barbaadu, sochiilee gama kanaan taasifaman salphisuu ykn mormuu koo akka hin taaneedha.
Ani kanan jechuu barbaade, badii Tewudiroos, Yohaannis, miniiliik, H/Sillaasee, Dargiitti furmaata maayyii yk kan bakkaa buqqisu irratti hojjachuu hanqachuun keenya, kan wayyaanee daballee baadhachuuf nu dirqisiisaa akka jiru haa hubannuudha. Rakkoon nu irra jiru kan hundee buqqisuuf wareegama itti kafalan ta’uu qabaadha. Akkuma Addunyaan itti jirtu, Kan bade bade, qabeenyaan kasaarru yoo jiraate kasaarree ,dhaloota itti aanu baraaruun ala furmaatii akka hin jirreedha.
Maraammartoo siyaasaa kana keessaa hedduu kan na raaje, Qamar Yusuuf, Walaayittaa dhageessaa, Sidaamaa Dhageessaa jedhee sirbuutti aanee, Namichi walaayittaan of waame waan gubbaatti kaa’ee kana Intarneetaan facaase. Kana irraa ka’ee adeemsi kun hundi, qaama ta’e jedhee hojjatutu akka jiru nutti mul’isa. Kun ammo kan maddu, gaaffiin Oromoo dhageettii horachaa dhufuu, shirrii wayyaanee saboota hundaa Oromoo irratti kaasuuf hojjattu hongaa’uu fi adeemsi gama hundaan gaggeeffamu sodaachuu irraa ti. Yaada kiyya yoo hubattanii ta’eef, furmaata maayyii wal haa yaadachiifnu.
Miniiliik qofaa odoo hin taane, waan miniiliik nutti fide hundaa dura dhaabbachuudha. Kana gochuuf ammo nama isa nu yaadachiisuu eeggachuu hin qabnu. Waan miniiliik nu godhe karaan itti gumaa baanu hedduudha. Karaan kun ammo, waanuma inni nutti fide of irraa dhaabuudha.waan seenaa miniiliik nu yaadachiisu hundaa dachee keenya keessaa dhabamsiisuuf irratti hojjachuudha. Kun dhaabatti gatanii kan ilaalan miti. Ol-aantummaa qooqa tokkoo warra nu irratti faarsan dura dhaabbachuun, waan qooqa kanaan ba’anii eenyummaa keenya dhabamsiisuuf deeman hundaa toobbachuu, jireenya hawaasummaa qophummaa hawaasa keenya keessaa balleessuun, Maqaa keenyaa fi ijoollee keenyaa keenyatti moggaasuun, kkf fi waan hundeetii Hawaasa keenya keessaa haftee isaanillee dhabamsiifnee isaanuu isa akka dagatan taasisuu baannaan furmaata hin ta’u. kun halkan tokkotti hin ta’u. hunduu ga’ee isaa bakka jirutti irratti hojjachuu gaafata.akka nama dhuunfaa tokko kaasee hanga sabaatti waan hojjachuu qabnutu jira.
Qabxiilee biroo kutaa 2ffaa keessatti itti deebina.
HORAA BULAA !

No comments:

Post a Comment