BUQQIFAMA OROMOOTA SHAGGARII fi NAANNOO ISAA – Kutaa 1ffaa

Guraandhala 27, 2014  | Taammanaa Bitimaa Irraa
DURADUBBII
Barreeffamni matadureen isaa: “Stop Clearing Oromo from their Land in the name of boosting economic development – Who will stand for the Oromo’s living on the outskirts of Finfinnee?” jedhamu, kan  maqaa “Sabbontoota Oromoo” jedhun, gaafa 11. 02. 14 mandhee Oromoo “ayyaantuu.com” irratti maxxanfamee baye, akkan ani amma waraqaa tana dhiyeessuuf na kaase. Wanni barreeffama sana keessatti kaafame kan hedduu nama naasisu, kan hedduu aariin nama bobeessuu fi kan xiiqii fi booree-dhaan ol nama kakaasu! Barreeffamni sun qorannoo fi xiinxala hunde-qabeessa irratti kan bu’ureeffame. Kan nama dhibu garuu, Oromoonni biyyambaa (“diaspora“) jiran dubbii cimtuu fi dubbii lafee tanaaf, qalbii fi xiyyeeffannoo hin kennineefi. Ani gaafan waraqaa sana dubbise, waan xiyyeeffannoon keenya akkuma waayee wallisaa Teddy Afroo jedhamuu fi waayee Biiraa Baddallee sanaa natti fakkaateyyu.

Dubbii sabaa fi uummata Oromoo sirriitti ilaalu kana, dhagayanii bira cewuun kun kan daran nama gaddisiisuu, ilaa amma callifni kun dhaabachuu qaba! Dubbiin tun dubbii Oromoota naannoo jedhame kana irraa buqqifamanii fi ammallee buqqifamaa jiranii qofa otoo hin taane, dubbii: uummata Oromoo, saba Oromoo fi biyya Oromoo, Oromiyaa ilaalu! Dubbii Oromoota alaa-manaa “iyyaa iyya dabarsaa“-n iyyisiisee olkaasuu qabu! Kanaaf, barreeffanni kiyya inni harraa kun kana irratti xiyyeeffamee, yoo yeroo argattan mee duukaa-bu’aa!
SEENSA
Habashoonni waggaalee 140 dura humna qawwee fi humna biyyoota alaatiin biyya keenya cabsanii harkatti galfatan kun, ammallee humna qawweetiin uummataa fi saba keenya jilbeeffachiisanii bitaa jiru. Bara himame isa akkaan dheeraa kana keessa, mootummoonni Habashaa gariin dhufanii dabranii jiru. Haatahu malee, kan dhufeetoo hin dabarre: hacuccaa, roorroo fi gabrummaa isaanii kana. Uummannii Oromoo hamma harraatti mootummoota Habashaa shan keessa kutee kunoo amma isa jahaffaa jalatti argama. Mootummoonni kun mootummaa: Minilik, Iyyaasuu, Zawudituu, Hayila-Sillaasee, Darguu (kan Mangistuu Hayila-Maaram) fi kan Wayyaaneeti. Mootummoonni shanan kun kan warra Amaaraa yoo tahan, inni jahaffaa fi inni ammaa kun kan warra Tigreeti. Habashoonni Amaaraa bara mootummoota isaanii wanneen hamoo fi suukkaneessoo kan humni isaanii dandaye mara, uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irraatti adeemsisaniiti jiru.

Isaan waan akka Hitler Yihudoota gorraasisee qaama isaanii irraa gaasii baafachuu san duwwaatu isaan hafe. Kanas waan saayinsii fi teeknolojii- dhaan akka mootummaa Hitler san hin sokkineefi malee, Oromoo fi Walaayitaa faa, Somaalee fi Sidaamaa faa, Kafichoo fi Gimiraa faa, warra Gambeellaa fi uummatoota Sulula Laga Omoo faa mararfataniitii miti. Kan Minilik harma-muraa fi harka-muraa, dhiiga ilmoo namaa xuuxxachiisaa fi dhala namaatiin daldalaa sana, isa bara akkoolee fi akaakaawwan keenyaa adeemsifame callaaa otoo hin taane, ijuma keenya duratti mootummaan Darguu sun uummata gorra’ee, gorraasisee karaa irratti reeffa isaanii darbata ture. Kana bira kuteeyyuu horii fi horoo rasaasa namni ittiin ajjeefamee deebifachuuf, reeffa ilmoo nama mana fayyaa (hospitaala) keessatti gurguree, gurgursiifata ture.

Buqqifamni uummata Oromoo isa Shaggar guddichaa fi naannoo isaa jiruu, kan jalqabame ammaa miti. Kun bara Minilik irraa jalqabee kan itti-fufamaa as gaye. Harra uummata Oromoo keessaa gosoolii sadiitu lafa bulchaa magaalaa Shaggar jalatti argama. Isaanis: Kurnaan Gullallee, Sadeen Eekkaa fi Jahan Galaani. Isaan kana keessaa immoo bara Minilik warri buqqifaman Gullallee fi Eekkaa dha. Akkuman kanaan dura barreefamoota kiyya lamaa-sadii keessatti ibsuuf yaale, gichilloonni Gullallee kun, ee gichilloonni sanyii gichillootaa waraana Minilik isa guguddaa ennaa lama moyanii ofirraa deebisaniiti, isa sadaffaa irratti humna qawwee ibiddaatiin moyamuu dandayani. Kanas isaan oggaa sana dhibbaa dhibbatti seera Gadaatiin bulu waan taheef, yaa’ii isaanii isa Tulluu Daalattii: bakka erga Mallas du’ee asii, Hayila-Maaram Dassaalanyi taa’ee,  hojii warra Wayyaanee fixaan-baasu kana, jechuun kan warri abbaa qawwee afaan qawwee sanan “Taallaaquu Beeta-mangist” jedhaniin sana irratti. Kunoo akka armaan gadii jedheeti yaa’iin Kurnan Gullallee bara 1875 keessa, sagalee tokkoon waraana Minilik isa ibidda tufaa sa’aa-nama, margaa-lafa barbadeessaa deemu sana dura gore.

Murteen yaa’ii seena-qabeessa kanaa gariin isaa barreessaa fi qorataa, nama Biyya Xaaliyaanii: “Ernisto Cerulli – The Folk-Literature of the Galla of Southern Abyssinia, Cambridge, 1922“, keessatti barreeffamee jira. Kanaa gaditti kan Oromoon Kurnan Gullallee yaa’ii  sana irratti dabarse keessaan isiniif dhiyeessa. Inni kun kanan ani manguddoolee naannoo Shaggar irraa dhagayuun, walitti qabe keessayyi fuudhame. Barreefama kiyya kan bara 2004 keessa, kitaabee ijaarsa Oromoo ULFO, tan “MANDIISUU” jedhamtu irratti baye, keessaa fuudhame*:
Koottu,Dhufe,Akka ati dhufte,Nagaan biyyattaa dhufu,Toltuun warrattaa dhufu,Kormi gorbattaa dhufu,Midhaan qeyeettaa dhufu.
Tume seera,
Muree seera,
Seerri seera Gullalleeti,
Seerri seera Tuulamaati,
Seerri seera abbootii Oromooti,
Hin darbatamu,
Hin dagatamu!
Luugama fadarraan baasin,
Meendhacha harkarraan baasin,
Kan dhufaa jiru diinaa,
Diinatti harkan kennatin,
Dhakaa kattaa tayii,
Dura ijaajji,
Wantaa baldhaa tayii,
Dura ijaajji!
Tume seera,
Mure seera,
Hin darbatamu,
Hin dagatamu!”
Seerri yaa’iin Oromoo Gullallee dabarse kun walaloo-dhaan tahuun isaa, walaloon hawaasa Oromoo keessatti hammam bakka olaanaa akka qabu nutti agarsiisa. Kurnan Gullallee murtee kana dabarsee, kutannoo cimaadhaan warana warra Abashaa isa meeshaa Oroppaa hidhatee, warra Oroppaatinis leenjifame dura dhaabate. Boods akka uummanni keenya jedhutti “qawwee ibiddaatin” gubatee, mo’amuu dandaye.“**

Mee ammas waan dubbii nuu gabaabsuufan kitaabee-dhuma “MAANDIISUU“, sana keessaa isiniif dhiyeessa. “San booda Minilik kun isa hanqatee, ammas haaloo bawuuf, Oromoo Gullallee jiddu-galeessa Shaggar keessa jiraatu, isaantu kana sade jedhee, kan dhumaatii irraa hafe buqqise. Oromoon Gullallee wiirtuu Shaggar, naannoo Hora Finfinnee faa jiraatu, warra warraan faffaca’ee, gara obbolaa isaa gara naannoo Oromoota birootti baqate. Kaan Meettaa, Galaan, Sooddo, Bacho, Ada’a Bargaa, Waliso, Kuttaaye faatti baqatee, boodas isaanin moggaafamee hafe.“*** Inni kun buqqifama Oromoota Kurnan Gullallee isa jalqabaati. Buqqifamni Oromoo Gullallee seena-qabeessichaa fi boonsisaa kanaa, ammas kitaabee-dhuma armaan olitti kaafamtee keessaayyyi isiniif dhiyaata.

Gara “Waggaa kudhanii booda (1887-1888) oggaa Minilik Inxooxxoo irraa gadi bu’ee, Shaggar magaalmataa impaayara isaa godhatu, Oromoon Gullallee inni naannoo amma “Araat-Kiiloo”, “Siddis-Kiiloo”, “Lidataa”, Markaatoo, Kaasaanichis, Piyaassaa faa jiru, buqqifamee Arsii naannoo Asallaa qubachiifame. Warri kana irraa hafes, akkuma Shaggar babaldhachaa deemu, innis buqqifamaa deeme. Tahullee, Oromoo Gullallee lafa irraa duguuganii fixuun daddhabamee, har’as Shaggar keessa fi naannoo isaas inuma jira.“*** Minilik akka kanaa olitti jedhame Oromoota Gullallee kan buqqise humna qawweetini. Boodas warra buqqifaman kana loltuu isaa kanneen meeshaa waraanaa hindataniin oofsisee geessuun, naannoo Asallaa qubachiise.

Amma kutaan kun akka dheeratee yeroo keessan hunda-caalaa kana, isin jalaa hin balleessineefan asuma irratti dhaabaa, mee nagaa fi nageenyaan naa bubbulaa!
==============    Hubachiisa Miiljalee    ==============
* Taammanaa Bitimaa: “SEENAA OROMOOTA FINFINNEE SHAGGAR“, MANDIISUU, Hidhaa 6, Lakk.1,
Bitootessa 2004, Fuulee 10 – 29, Waashingitan Diisii.
** MANDIISUU: fuulee 23 – 24.
*** MANDIISUU: fuulee 25 – 26.

No comments:

Post a Comment