Gufuulee qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO): Kutaa- 2ffaa

Mudde 23, 2013 | Leellisaa Bilisummaa Irraa

KUTAA 1ffaa DUUBISUUF ADDANA TUQAA


Kutaa 2ffaa
Rakkoo barootaaf mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mul'atu kanaaf sababni maali ?

I. Dhibdeelee Haala amma keessa jiru kana uuman


1. Rakkoon duraa ABO 1992 booda akka hundi keenya hawwinutti injifatnoolee ummata Oromoo abdachiisanii fi Oromoo humna taasisan gonfachuu dhabuun kufaatii mudate irratti namootni ilaalcha adda addaa akka qabaatan godhe. Namootni hanga tokkoo ABO akka jaarmayaatti yemoo balaalefftanii fi tuffatan kanneen hafan ammoo ir'ina mul'ateef hooggana keessaa nama hanga tokkoo irratti itti gaafatamaa godhanii fudhatan.


Akkuma dubbiin bubbultee, dhibdeen ABO keessa jiru daran xaxamaa fi kan furmaata argatuu hin dandeenye tahee mul'atu rakkoo kanaaf namoota irra dabranii kanneen ganda hunda yakkan hin dabamne. Rakkoon dhugaan namni dhaaba kana keessa isaa qorate hubachuu dandahu kuffaatii keenyaaf sababni guddaan jaarmaya cimaa dhabuu isaa ti. Osoo jaarmaya cimaan qabaannee kufaatii 1992 keessa nu irra gahe irraa dandamachuu ni dandeenya ture. 1992 yeroo chaartaraa baanutti humni nuti qabnu kan diina madaalu hin turre.
Leenjisaa fi akaakuunis diinaa fi isa gidduu garaa garummaan ture waaqaa lafa jechuu nan danda'a. Yeroo 1991- 1992 ummatatti baanetti osoo humnaa fi dandeettii qabnu hunda humna riphee lolaan diina dura dhaabbachuu danda'u ijaaruu irratti bobbaanee haalli amma keessa jiru kun hin dhalatu ture. kun tahuu dhabuun kan agarsiisu akka humna riphee lolaa tokkotti humna keenyaa fi kan diinaa, waan ar'a tahuu fi boru itti aanu tilmaamuuf dandeettiin keenya akka ir'uu tahe agarsiisa. Hunda caalaa ir'inni ture kan murna ykn nama tokkoo lamaa osoo hin taane kan hooggana waloo akka tahe ragaa baha.Waan chaartara booda dhalachuuf deemu hoogganni tokkooyyuu tilmaamuu hin dandeenye. Hunda hooggana dhaabaa beekuu kiyya irraa dhugaa kana tolcheen beeka.
2. Inni itti aanu gaaga'ama 1992 tahe irraa dandamachuuf hoogganni ture tarkaanfii sirreessii fudhachuu dadhabuu isaa ti. Hanga 1998 gahutti hooggana dirreetti hoogganni bakka tokkotti deebi'ee waliin haasa'uu hin dandeenye. Adeemsa baroota dabree irraa barachuun wayyaanee humna isa gitu / tooftaan/ ijaaruun qabsoo bifa haarayaan deebifnee ijaaruu hin dandeenne.
Akkaataa ummata itti ijaarru bifa jaarmaya wayyaanee gituun hin diriirsine. Kan biraa hafnaan biyyoota ollaa hoogganni keenya qaamaa keessa jiraataa turetti, daandii "logistic" diriirsuun humna hidhachiisuu fi leenjima waraanaa baraneen hin kennamneef. Bakka hundatti humna waraanaa nutti dabalamaa tureeef barruulee tooftaa waraanaa irraa barsiifamu qopheessuun hin danda'amne.
Itti fuufa....

No comments:

Post a Comment